Nuyi Mana Qulqullummaa Waaqayyo ti!

Jalqaba jecha mana jedhu kana yoo mata duree kana irraa fudhannee ilaalle: Mana jechuun kan namni, horiin, yookiin meeshaan keessa jiraatu jenne fudhachuu ni dandeenya. Yeroo jecha mana jedhu kanatti qulqullummaa jechi jedhu dabalame, akkuma beekamu hikaan isaa ni jijjirama.

Mana qulqulummaa jechunis wanti qulqulluun tokko kan keessa ka’amu yookin keessa jiraatu jechuudha. Manni qulqullummaa kun immoo itti gaafatummaa fi abbummaan kan Waaqayyo o akka ta’e waliin ni hubbana. Maaliif jenne yoo gaafannee ‘ani qulqulluudha’ jedhe ofi isaaf kan dhugaa ba’e Waaqayyo qofa waan ta’eef. Haa ta’u malee Waaqayyo akka isaatti qulqulluu akka tanu yeroo hundumaa ni barbaada. Kanaaf akka ani qulqulluu ta’e isinis qulqulloota ta’a jedhe kan nu abboomeef.

Nuti warri goofta keenya Yesus Kristositti amanne, ijoollee Waaqayyo akka tanee sagaleen Waaqayyo nu hubbachisa (Yohan.1:12, 2Qor.6:18). Ijoollee Waaqayyo erga taanee nu kan Waaqayyooti malee kan biyya lafaa miti yookiin kan ofii keenyaa miti. Abbaan keenya Waaqayyo nu jaallatee ilama isaa tokkicha akka nu fayyinuuf, cubbuu jalaa akka baanuuf, du’a barabaraa jalaas akka nu baraarmnuuf nuuf kenne. Kanaanis jaalala guddaa nuuf qabu mul’isee jira.

Akkuma Waaqayyo nu jaallate nus Waaqayyoon ni jaallannaa ree? Dubbiin Waaqayyo garu: ‘Eenyu illee yoo na jaallate dubbii koo immoo ni rawwata, abbaan koos immoo isa ni jaallata; nuyis (Ilma, Abbaa, Hafuura Qulqulluu) isa bira ni dhufna, iddoo jireenyaas isa bira ni godhana’ (Yoh.14:23). Sagaleen kun akka nu barsisutti Waaqayyoon warra jaallatan, sagalee isaa rawwachuudhan, Waaqayyo iddoo buufata isaa, iddoo jireenya isaa ni godhata jechuudha. Waaqayyo akkuma maqaa isaa bakka qulqulluu jiraata. ’Manni qulqullummaa Waaqayyo immoo Waaqayyoolii tolfamanii wajjin walii galtee malii qabu? Waaqayyo jiraatadha, nuyis mana qulqulluummaa isaati.’

Kanaaf Waaqayyo akkas nun jedhe: Ani isin bira nan buufadha, isin jiddus nan deddeebi’a, ani Waaqayyo keessan nan ta’a isin saba koo ni taatu (2Qor.6:16). Nu erga mana qulqulluummaa Waaqayyo taanee, mana hafuurri Waaqayyo keessa boqatu kana qulqulluummaati ni eegnaa ree?

Hafuurri Waaqayyo yoo dhuguma isin keessa jiraate, isin akka feedha hafuuraatti malee akka fedha foonitti hin jiratan; namni hafuura Kristos of keessaa hin qabne kan Kristos miti (Roomaa 8:9). Garu isin kan akka mana qulqulluummaa Waaqayyo taatan, hafuurri Waaqayyoos akka isin keessa buufatee jiru hin beektanii ree? (1bhala. 3:16).

Hafuura kanas Waaqayyo biraa argattan; mana qulqulluummaa hafuura isas erga taatanii, isin kan ofii keessan miti. Waaqayyo gatiidhaan isin bitate; kanaaf guutummaa dhagna keessaniin waan inni ittin galateeffamu hojjedha! (1Qor.6:19-20). Foon keenyaa, jireenyi keenyaa mana qulqullummaa Waaqayyo ta’u isaa barree qulqulluummati akka eegnu, kan inni nuuf kennee hundumaan ulfina isaaf akka finnu hafuurri qulqulluun nu haa gargaru.

Maqaa Yesus Gooftaatiin; Ameen.

Tesfaye Ayyano tiin

Phrinta Friendly, PDF & Email
Abelana

Amazwana

Nuyi Mana Qulqullummaa Waaqayyo ti! — 4 Amazwana

  1. Waaqayyoon koo guddaa isiin ha eebbisuu hedduu irraa bare dargaggootaaf waaqayyoon namoota waamaman hundaaf ergaa guddaa dha. Gooftaa ayyaana kana dacha dachaa isiinif ha baayyisu.

    barsiisaa Addisuu Baqqalaa
    Addis Abeba Science and Technology irraa
    Finfi
    innee

  2. WAAQAYYOO GOFTAAN ISIN HAA EBBISUU .
    barnotaa garii nuf lachaa jirtuu , wareen hangaa xummurrat milkaahan nu haa tasisuu(walumman)
    barataa physics waggaa 1ffaa jimmaa university

  3. waaqayyoo goftaan isin haa ebbisuu, ayyanisas sinif haa bayaatuu, jechaa hujii garummaaf akkumaa kutatani kataan hangaa xummurra ti waaqayyoo isin haa gargaaruu.barnotaa gariif jijjiramaa fidudha.
    barataa physics waggaa1ffaa jimma university irraa

  4. baay’ee galatooma isiniin jechaa,barnootni isin kennaa jirtan kun baay’ee barbaachisaa akkanni ta’e keessumattuu dhaloota ammaa kanaaf baay’ee kan barbachisu ta’uusaa hubannoo hedduu irraa argadheetan jira

    ani barataa waggaa lmmaffaa(2)eng. Universitii Dirre Dhawa irrati
    hedduu galatooma

shiya impendulo

Ikheli lakho le ngeke ishicilelwe. Ezidingekayo ibhalwe *

*

Ngazise izimpendulo followup nge e-mail. Futhi unga ubhalise ngaphandle sikhulumela.


Ukulinganisela amazwana kunikwe amandla. Amazwana wakho kungenzeka kuthathe isikhathi ukuba avele.